Tokkummaa nuuf kenni yaa Gooftaa yaadan tokko taana (2)
Akka Duuka bu'oota keetii sii wajjin jiraanna
Akka duuka bu'oota keeti Afuura keen jabaanna

Akka Duungoo baquun Addunyaaf ifanii
Dadhaaba fakkatan osoo humna qabanii
Iyyasuus Gooftaani Mootii moototaati
Jechuun Dhugaa bahan hanga du'anitti

Qilleensa jabaadhaaf Abidda keessaanii
Lallaaban Wangeela obsaan dhabbatanii
Hojiin biyya lafaa darbuusaa hubatanii
Foonin midhaamanii lubbu jabeessanii

Afuura Gooftaani mudhiin isaani cimee
Beelaaf rakkinnisi homaa itti hin fakkanne
Dhugaaf wareegaman osoo sodaatinii
Jabiina akka kanaa yaa Goofta nuuf kennii

Nuti dadhabootaa homaa warra hin beeknee
Maqaa keetti amaanne waliitti qabaamnee
Yaada mamiif shaakki nurratii fageessi
Jecha sagaale keen nuu dhaabii nu ciimsii