Ni jedha lapheenKoo/ይላል አደበተ/

Category > Faarfannaa Song by > F/taa Badhoo Gabbisaa
67b9ecf6a7967.png
Posted on > 2025-02-22 00:00:00 Posted by > Web Master


Ni jedha lapheenKoo/ይላል አደበተ/

Ni jedha lapheen koo Gooftaan Qulqulluudha
Akka warra hin qabannee nan Dhiistu dhugaadha
Kaleessa na eegee borufis Abdii koo
Gooftaa ati Jaalala sin jetti lubbuunkoo x2

Yoon deebi'ee ilaalu jiruu koo kaleessaa
Kan bahumsa hin qabanne qoreedha dallaansaa
Galata argadhu Boqonnaa naf latte
Balballi cufamus ati balbala taate x2

Gammoojjii keessatti nyaataaf dhugaatii koo
Na Dinqisiiseera sirreessee karaa koo
Abiddaaf bishaan keessa na dabarsee
Galatoomin jedhaa sagalee koo olkaasee x2

Danbalii kophummaa narraatii ifattee
Anaaf ifni bahee diinni koo sodaate
Eeboo diinaa cabasee du'a na oolcheera
Yaadni Gooftaa kooti anaafuu jaalalaa x2

kaleessa har'a boru baranoo na eega
Fedha laphee kootii osoon himin beeka
Fakkaatti hin qabdu gonka Qulqulluudha
Nama Boqachisa maqaansaa hirkoodha x2

Please Login / register to comment!

Related Posts

681b40d2d3453.jpg
Galata Waaqayyoo

Galata Waaqayyoo Kan yoonaan nu gaa’ee Umurii nuuf dabalee, jireenyaaf nu yaade, Eebbaafi jaa ...

Read More
681b54908085b.jpg
Ano nan Boonaa Waaqa Koonii

Ano nan boonaa waaqa koonii Kan naa jaallatee tolaa akkanaanii Anarraa qabdaa oolmaa guddaa Hunda ...

Read More
681b60fc52bd3.jpg
Ani Waan Tokkoo Hin Qabu

Ani waan tokkoo hin qabu duwwaadha jireenyi koo Hir'uu koo guutuudhaaf jirtaaka waaqa koo Waan hun ...

Read More
681ca7b6e9d66.jpg
Naaf jijjirrii seenaa koo

Naaf jijjirrii seenaa koo maaloo gooftaa koo Baay'ee gaddeerra keessi laphee koo Firrii koo hundum ...

Read More
681df034aead0.jpg
Kan akka waaqayyo arjooman eenyudhaa

Kan akka waaqayyo arjooman eenyudhaa Kan akka waaqayyo olaanaan eenyudhaa Ilil jedhaa galataaf dha ...

Read More
681cae5cb3763.jpg
Yaa Gooftaa danda'aa koo

Yaa Gooftaa danda'aa koo (2x) Ati beektaa waa'ee koo Kan koo si qofaadha abdiin koo Gara keen i ...

Read More
681dfe72b60b6.jpg
Aniif Manni Koo Waaqayyoon Waaqessinaa

Aniif manni koo waaqayyoon waaqessinaa(2) Isatti amannee abdii godhanee gochasaa dhugaa baanaa (2) ...

Read More
681caae047e40.jpg
Imimmaan koo haqxee

Imimmaan koo haqxee gaddaa koos cabsittee Akka bishaan darbee rakkoo koon dagadhee Waaqa abbootti ...

Read More
681df51d35962.jpg
IYYARUSAALEEM GALUUF

Jaalalli Waaqayyoo guyyaa Jimaataa fannoorratti mul’ateeraa(2*) Iyyaruusaalem nu galchuudhaaf bi ...

Read More
Search
Login

Don't you have an account yet?
Register Now

Join Our Community
We'll never share your email with anyone else.