Imimmaan koo haqxee gaddaa koos cabsittee
Akka bishaan darbee rakkoo koon dagadhee
Waaqa abbootti koo maqaa keetti hirkaadhe
Meeqan darbee meeqa sin beeka abbaa koo
Har'a kan midhaagee sumaanni jireenyi koo

Hin darbuu fakkaattee kan natti ulfaatee
Gooftaa koo sin darbee keessi koo urfattee
Gaarii rakkinaa martuu jechaa keen diriirerraa
Sammuun koos lapheen koos amma tasgaaba'erraa

Imimmaan koo haqxee gaddaa koos cabsittee
Hir'uu koo naaf guuttee guutuu naa badhaastee
Galaanna abiddaa sana gooftaa sin qaxxamurree
Har'a cuffaan yoo didee galataa keef hiriiree

Dukannaa gidiraa lubbuu koo dhiphisee
Sittuu naaf qalamee irraa na dabarsee
Hirkannoo jabbaa kiyyaa utuuba hin sochonnee
Jireenyat ce'ee malee teela kee bu'ee hin bannee

Kiyyichii cacabee kan nyaaphi qoophessee
Barruu isaa diriirsee Waaqni na miliqsee
Gadaan koo nan argattuu akka hin kanneet kuuferraa
Inni na walliin jiru mo'annaa naa latteerra