Hoosa'inaa jedhani Hoosa'inaa
Web Master
Apr 2, 2025
F/ttuu Waynishet Gizachew
2188 Views
"
Gooftaan yemmuu dhaqee Iyyerusaalemi *2
Hoosa'inaa jedhani faarsan ijoolleeni *2
Gooftaan akkas jedhee yommuu dubbatetti
yerusalem dhaquuf yommuu qopha'eetti
Dhaqaati naa fida harritti hiikati *2
yaabbadheetan dhaqaa iyyeerusalemi *2
Gooftaan yemmuu lixe mana qulqullummaa
arjummaa guddadhan barsiise hundumaa
Mana abbaa kooti holqattu gootani
Mana kadhatati maaf hin hubattani *2
Manni qulqullummaa qulqulluu ta'uu ishee
Gooftaatu dubbattee yemmuu nu barsiisee
Jarreen keessaa baase warraa daldaalani *2
MANA abbaakoo jedhe dubbate Gooftani *2
Gooftan yemmuu dhaqee gara iyyeerusalem
Hoosa'inaa jedhani ijoollonni bayyeen
Hoosa'inaa jedhani hundumti isaaniyyuu *2
Gooftaatti marsaani fulduraaf duubani *2
Play on Telegram