Adoonayii ati waqaa jiraataa
Gochaa kee addaa goftaa goftotaa
Ati nu fayyisuuf fannorraa oltee
Gaddisaa bannee situu nuf latee

Hoolichii dhugaa dursaan lubootaa
Sidhaam yaa goftaa abban abbotaa
Cubbuu koof jettee waranamtettaa
Gidiraan hunduu sin naf salphataa

Iyeesuus goftaa leenca yihudaa
Garaa lafessaa hundumaaf gaddaa
Galaan siha marsuu ariyamittii
Situu nu baase afaan dinaatii

Goftaan umaan koo hundumaa beeka
Wamamuu koofis qabaam akeekaa
Nan tufannee cubbuu koo ilalee
Anaan eebbisuuf manaa koo galee

Qaraniyooti fannorraa oltee
Guyyaa jimataa dhigaan nu bittee
Nuu boji'eeraa jaalallii kan kee
Yomuu dagannuu goftaa olmaa kee