Uffata Warqee Uffattee,
Gonfoo ulfinaan faayamtee,
Mirga Ilma ishee kan jirtu,
Haadha gooftaa jaallatamtu.

Ifaan guutamteetti, Biiftuu jireenyaan,
Golgamte ulfinaan, mul’atti urjii samiirraan marfamtee,
Jawwichi hin dandeenye, balleessuudhaafi dhama'ee,
Humna Waaqayyootu, Ayyaana isheedhaaf ta’e.

Ilmishee tokkichi jaalalaan hunduma bitee,
Bittaa diinaa jalaa, boojuudhaan kan booji'atee,
Deessee badhaasteetti, ijoollee addaamiin hundaa,
Dubartoota keessaa, dhugumatti Maariyaam adda.

Siiqqee sibiilaatiin, hoolota isaa kan tiksuu,
Yeeyyiin akka hin nyaanneef, da'oo ta’e kan miliqsuu,
Isheerra dhalatee, adduunyaa inni fayyisee,
Warra amananiif, boqonnaa gaarii qopheesse.