Oolmaa Kee Gaafasii
Yoseph Tena
May 7, 2025
A/F/D/n Firaanol Moosisaa
1492 Views
"
Si dhisee sammuun koo boqonnaa hin argatu.
Hunda madaaleera, haala darbe ilaalee —
Eenyumaan mararaa, Abbaa koo sin malee.
Situ naa dabarsee, dachaa du'aa keessa,
Aduunis nan gubnee, naaf taate gaddisa.
Ofteella hin ilaalu, lammata deebi’ee —
Lafee koo ijaare, dhiigni kee lola’ee.
Na mararsifattaa, ormaaf nan amantu,
Dadhabbina kootiin, Si’ii kan na baatu.
Ururfameen rafaa, an qoma kee irratti —
Tola kee naaf taate, sooraa lubbuu kooti.
Barruu kee irra nyaadheen, harkaa keerraa rafa,
Sassaba hundumaa, situ namatti hafa.
Qabsoon hin hirmaatin, duulan injifaadhe —
Bilisaa baasa koo, an Sittan baqadhee, ani Sinan boqodhee.
Madaan ganda firaa, hin fayyuum salphaatti,
Sammuun godanisaa, darbaam dhalootatti.
Dirraa kee yoon arguu, madaalliin koon hir’isa —
Si ilaaleen obsaa, hunda Sinan dhiisa.
Eenyumaan mararaa, Antee koo sin malee,
Eenyumaan mararaa, Gooftaa koo sin malee,
Eenyumaan mararaa, Mootii koo sin malee,
Eenyumaan mararaa, Iyyesuus sin malee.
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu