Karaaf dhugaan jireenyi ilmaan namaa
Si qofaadha fayyinni yeroo hundumaa
Si waaqessuuf faarsaakoon galatakee
Nan dubbadhaa iyyesuus ulfinakee

Dhugaadha nan dubbadhaa anoo waa'eekee hundaaf
" ardii mararraa deemee addunyaaf
" Dhugaa hin dabarre baraan jiru
" mootii ulfinaan baraan turu

Si qofaadha waaqni hundaan waaqeffamu
Mootummaankee yoomiyyuu hin raafamu
Dhugaa taatee birmaduu na baasteetta
Maqaakeetiif jilbi hundu jilbeenfata

Karaadha daandii isa dhipha galma qabu
" barruu hin dadhabne humna qabu
" karaa jireenya abdii dhugaa
" iyyesuus Gooftan anaaf suga

Karaa sirrii daandii Ishee jalqaba
Kan dhaalamu hundumaf bakka qaba
Abbaa dhugaa tiksee hoolaasaaf du'e
Gooftaa dhugaa waanti hunduu isaan ta'e

Jireenya jireenya hin dhumne jiraatamu
" jaalala hin badne jaalatamu
" iyyesuus yoomuu barabaraa
" naaf latteem anaaf barru aarara

Jireenyadha biddeen fayyina laatu
Surraa isaan anarraa Kan mul'atu
Dhiiga isaan na bitee bilisoomee
Isa faarseen maqaa isaan kabajame