Yaada keen dubroodha
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/taa D/n Adaanee Asraat
181 Views
"
Yaa haadha danda'aa nagaan sif ni ta'aa
Isaayaas dursee dubbattee raajudhaan isa hubaattee
Ulfoofte durbee durbummaan afuura qulqulluudhaan
Ni deesse Betelemitti magaala Daawititti
Arginee dhalachuu gooftaa raawwattee raajiin raajottaa
Raajichi Hisqi'el argee balbala bahaa cuufame
Al tokkoo bara baraanni gara isheetti gale gooftanni
Cuufamee barraan jiraata hin banamum lammattaa
Waa'ee dubrummaa ishee akkasit dhugaa ba'ee
Laalistuu oddoo hin gubbattin Sinaarraatti argee Museeni
Maariyaam durbee si'iidha teessof qulqullooftudha
Balleesse abidda sana si hin gubnee ato oliyannaa
Kan bulee garaa kee keessa waaqadhaa innoo faayyisaa
Gammadii biyya raajotaa yaa harmee Addaam lammattaa
Ilmii gorsaa dhugaatti faayyisaa fooniifi lubbuutti
Si'oolii duwwaa hambisee Gannataatti hundaa ceesisee
Kanaafi dhaloonni martuu maqaa keef ulfinnaa laattu