Dhalate gooftaan
Web Master
Feb 23, 2025
F/Dn Naa'ol Shallamaa
2060 Views
"
Raajamaa kan ture afaan raajotaatiin
Isaayyaasis raajee afuura qulqulluutiin
Guyyaanis qaqqabee guyyaan dhaloota isaa
Fayyisuuf dhalatee gooftaan saboota isaa
Mootiin moototaa durbeerraa dhalate
Addunyaa hundumaaf jireenya kan laate
Foon keenya uffachuun kan nutti mul'ate
Jaalala nuuf qabuun dhufee nuuf dhalate
Ergamoonni galchan galata waaqayyoof
Nageenyis ni ta'ee lafarratti namaaf
Urjiidhaan dhufanii namoonni ogeeyyonni
Warqee ixaanaa fi qumbii qabatanii
Tiksoonnis ni turan gaafa guyyaa sana
Dhalachuu gooftaatiin nutis gammanneerra
Ka'aa galateessaa kunoo arganneerra
Durbeerraa dhalachuun nutti mul'ateera