Yaa haadha koo waanan sitti himaadhe adaraa jedhee
Yaa haadha gooftaa waanan sitti himaadhe adaraa jedhii
Baranallee hin hafuu……. Naan dhufaa gisheenii
Mana keetti ol seene…….. Siinan asoofsiisa
Tabbii gaara giisheen……… Yoo na dadhaabsiisee
Hin hafuu dhugaadha……… Waadatu narra jiraa
Jilbii koo dadhaabuu ………Humnii koo na ganuu
Maariyaam yommuun jedhu……Dafiitti naaf kottuu
Anis nan amanaa………Jireenyi koo duwwaa
Kadhaa keen jabaata……Haadha koo adaraa
Addunyaaf nan laatiin ……… Haadha koo adaraa
Mana keetti hin ba'u……….. Si wajjiin jiraadhaa
Haadha jireenyaa koo…….. Siin anaaf mi'aawaa
Maariyaam(2) jedhee………. Siinan jijjiiramaa