Fuuldura Waaqayyo kan dhaabbattu
Araraaf dhiifama kan kadhattu
Hangafa Ergamootaa hundaa oli
Sin waama Qulqulluu Gabri'eeli

Waa’ee cubbuu keenyaaf... Gabri'eel
Tasa hin callistu
Abidda boba’aa
Bishaan kan taasistu
Fannoo kee Warqeedhan
Kottu nu eebbisi
Karaa badiinsarraa
Ati nu deebisi

Kadhannaa kan keetin... Gabri'eel
Nagaa kan taasiste
Kabaja kan keetiin
Addunyaan ni ifte
Maqaa Waaqayyootu
Jira maqaa keerra
Eegumsa kee amanne
Kanaaf si waamnerra

Misiraachoo himuuf... Gabri'eel
Nagaaf kan ergamte
Qirqoosiif haadhasaa
Abiddaa kan baaste
Nunins nu baraari
Badii sodaanurraa
Araarsummaa keetin
Adda bahin nurraa

Kabaja Waaqayyoo... Gabri'eel
Aarsaa isaaf dhiyaatu
Gara Aariyaamiitti
Kan fuutee olbaatu
Uffanni kee Ifaa
Fannoon kee abiddaa
Waaqayyoon biraatii
Namaaf nagaa fidda