Filannoo dhugaa nuti dursine
Beresa Abebe
Jul 8, 2026
F/ttoota Shaniin
519 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
— Efe. 1:12
Filannoo dhugaa nuti dursine
Kiristoosiin Abdii kan godhanne
Ulfina isaatiif akka taanuuf galata
Nu foo'ateera Gooftaan Gooftotaa
Kabaja dhumaaf nu barbaaddate
Addunyaan dura kan nu fo'ate
Karaa Kiristoos jaalala isaani
Adda baaneerra Waaqayyo Abbaani
Dhaalli du'aa gatiin Cubbuu nurra hin jiru
Amanneerra Argannerra kan nu furu
Isa qofa nu'iif daawwaani
Kan nu bite Jaalalaani
Barri murame yeroo guutetti
Hunda raawwate akka akeeketti
Dhoksaa yaada isaa nu'iin beeksise
Du'a du'aa irraa nu'iin Fayyise
Jireenya boodaaf qabdii nuuf ta'e
Afuurri Qulqulluun inni nuuf bu'e
Afuura dhugaan mallatteeffamne
Isa dhageenyes warri Amanne
Furamuu cubbuu isaan arganne
Dhiiga Iyyasuusin nuti dhiqamne
Takkaaf kan dhumaa Qulqulloofneerra
Ayyaana isaan nuti Fayyineerra
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu