Maqaan kee Ajaa'ibaa
Yoseph Tena
May 7, 2025
F/taa Dn Hiikaa Bulti
2066 Views
"
Ergamaa Mikaa'eel siif galatan qabaa
Na guddisteetta ati hamaarra na eegdee
Warra si hin qabneefi garaan koo na gaddee
Jawwichi hin dandeenye surraa keetu caalee
Darbatamee kufee fuula kee ilaalee
Kanaafan si waamaa ati mirga kooti
Simboo argadheeraa atoo gartuu kooti
Gargaaraa koodha ati akka daani'eeli
Qorumsa keessatti gara koo ilaalii
Maqaan kee waamamnaan diinni nii rifataa
Anis bilisoomee qabaadhe galata
Libaanaan mana kee urgaa'ee keessi koo
Harka keerra jiraa kadhaaf galatni koo
Mirga waaqaa jirtaa Mirgaaf na jaallatte
Halkaaniifi guyyaa kanaaf naaf dhaabbatte