Fannootti olbaateka uumaa koo
Nuuf jette kan Duute gooftaa koo

Jaalala kee ibsite dhiifamaani
Fayyisaa addunyaa araarani

Sifannisani kaa gooftaa koo hamminaani
Laphee jabbinaani fannisi jedhaannii

Fayyisaa ta'uukee dagatanii
Fannoo irratti cinaacha kee waraanani

Qeesariif kan laatte gooftaa koo dhiifama
Nurraa kan kaaste du'icha isa hamaa

Ofiisatii du'ee yakkuu keenyaani
Du'aa nu oolchate dhiphinaa arguuni

Fayyisa addunyaa abba dhiifama
Dhiitamee Kabalamee akka cubbamaa

Ergamoonni Waaqa nii gaaddani
Dhiphinaa isaa hundaa ilaalani
Laftis ni gaddite aduunis ifaa dhowwaatte

Urjoonni harca'ani ji'is dukkanoofte
Biyya lafaa irratti fooniin nuuf dhiphatte

Cubbuu Adaamiif jette samiirra gad buute
Saamtota gidduutti fannoo irraa oltee