Waaqummaan kee dhugaadha
Yoseph Tena
May 7, 2025
F/taa D/n Zerufa'eel Bahiruu
1998 Views
"
Akkeenyi kee jaalala, hin qoratamu.
Duris turtee ni jiraatta ati har'asii,
Ilmaa Waaqa Gooftaa Iyyesuus Kiristoosi.
Dura jecha ture Waaqayyoon bira,
Jechis Waaqaa kan ture, caalu hundaa irraa.
Hunduu kan isaati jedhe, isumaan ta'e,
Waaqummaa kee Yohaannis dhugaa ba'e.
Si harka jira jireenyi, situ kenna,
Ati ifaan kan cabsite, aangoo dukkanaa.
Mul'achuu kee addunyaan ni waakkatte,
Warra amannuuf mucummaafi aboo laatte.
Addunyaan yoo salphiste akkenya kee,
Namummaan daandesite amala kee.
Nuti garuu ni amannaa gooftuummaa kee,
Namummaadhaan waloomeera waaqummaan kee.
Fayyuu keenyaaf kan dhufte, nu jaallattee,
Nu fakkaachuuf, foon Maariyaam kan uffatte.
Waaqummaa kee Yoordaanositti argineeraa,
Jacha Abbaa kees sammiirra dhageenyeeraa.